Mon – Fri: 8:30 AM – 5:30 PMinfo@ethiopianchamber.com
ECCSA logoECCSAEthiopian Chamber of Commerce and Sectoral Associations

???? ????? ??? ????? ??? ?? ??? ?? ??? ??? ?? ?? ??? ???? ??? ????� ??? ?? ?????? ???????

የኦሮሚያ የንግድና ዘርፍ ማኅበራት ምክር ቤት የ2019 በጀት ዓመት የመጀመሪያ ሩብ ዓመት መደበኛ ስብሰባችንን አጠናቀናል።

Waltajjii gamaggama karooraa fi raawwii bara 2018 fi kallatti karoora 2019irratti Manni maree Daldalaa fi Waldaalee Sektera Itoophiyaa Maanaajimanti waliin\ngaggeessen� mikaa’inoonni gurguddoon manni marichaa bara bajataa keessatti raawwate bal’inaan ka’era.\nRaawwiin akka waliigalaatti galmaa’es manni marichaa haala gaariirra jiraachuusaa kan agarsiisanidha.\nKaroora Mana hojii milkaa’uu kan danda’u kutannoo hoggansii fi hojjetaan mana hojichaa qabuunidha kan jedhan pirezidaantiinmana marichaa Obbo Sabsib Abbaafiraa, torota xiyyaaffannoo� karoora bara bajataa 2019 keessatti adda bahanii kaawwaman milkeessuuf hanqinoota raawwii bara 2018 keessatti adda bahanirratti hojjechuu qabna jedhaniiru. Kan darberraa barannee, kan dhufu milkeessuuf qophaa’ummaan keenya murteessadha ta’uu ibsanii, hojjetaan mana marichaa sadarkaan jiru hundi miira abbummaatiin hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. jedhaniiru.\nManni Maree Daldalaafi Waldaalee Sektera Itoophiyaa haala kanaan dura keessa tureen yoo kan madaallu ta’e har’a haala gaariirra jira jechuu dandeenya. Kana jechun garuu bakka har’a irratti argamuu qaburra jira jechuu waan hin taaneef Karoora� Tarsiimoo waggaa shanii qopheessine haala dursinee dhugoomsuu dandeenyuun kutannoo addaatin hojjechuu qabnas jedhaniiru.\nBarreessaan Mana Maree Daldalaafi Waldaalee Sektera Itoophiyaa Dr Qananiisaa Lammii gamasaaniin hanqinoota raawwii keenya bara bajataa 2018 kessatti mul’atanirraa barachuun karoora keenya bara bajataa 2019 milkeessuuf kallattiiwwan pireezidaantiidhaan kaawwaman kutaan hojii hundi bifa qinadaa’een wal tumsuun hojiirra oolchuu qaba jedhaniru.