Mon – Fri: 8:30 AM – 5:30 PMinfo@ethiopianchamber.com
ECCSA logoECCSAEthiopian Chamber of Commerce and Sectoral Associations

????? ???? ??? ???? (WTO) ?? ??? ???? ???? ??? ????? ????? ??? ??? ???? ?? ??????

ECCSA leadership with an international business delegation

Adoolessa 11 Bara 2018 guyyaa Ashaaraa Magariisaa dhaabbbilee dhuunfaa\nDhaabbileen dhuunfaa Guddina Misooma Diinagdee biyyaa keessatti shoora ol’aanaa taphachuun cinaatti itti gaafatamummaa hawaasummaa qabanis kara adda addaatiin bahachuun gumaacha isaanirraa eegamu taasisaa jiru.\nHaaluma kanaan duula ashaaraa magariisaa misooma diinagdee magariisaa� akka biyyaatti qabatame dhugoomsuuf Muummicha Ministiraa Kabajamoo Dr Abiyyi Ahimadiin jalqabamee waggoota saddeettan darbaniif waliitti fufiinsaan hojjetamaa jiranirratti hirmaachuun� bara baraan gumaacha ol’aanaa taasisaa jira.\n\nBara kanas�� sagalee Dhaabbilee dhuunfaa ta’uun kan beekamu Manni Maree� Daldalaafi Waldaalee Sektera Itoophiyaa� Adoolessa 11 Bara 2018 Guyyaa Ashaaraa Magariisaa Dhaabbilee Dhuunfaa jechuun moggaasuun manneen� Maree Daladalaafi waldaalee Sekteraa sadarkaan jiran naannoo isaaniitti biqiltuu akka dhaaban karaa giddu galeessa ta’een ergaa dabarsuun guyyaa har’aa dhaabbii biqiltuu gaggesseera.\nHaaluma kanaan Manni Maree Daldalaafi Waldaalee Sektera Itoophiyaa Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa, Manneen Maree Daldalaafi Waldaalee Sektera Oromiyaa, Bulchiinsa Magaalaa Shaggariifi Finfinnee waliin ta’uun bakka Ministirri Daldalaafi Walitti hidhamiinsa Naannoolee Dr kaasaahuun Goofee fi� Pireezidaantiin� Mana Maree Daldalaafi Waldaalee Sektera Itoophiyaa Obbo Sabsib Abbaafiraa argamanitti Magaalaa Finfinnee, Kutaa Magaalaa Booleetti biqiltuu dhaabuun Ashaaraa Magariisaa bara kanaa Muummicha Ministiraatiin jalqabameef gumaachaniiru.