Walgahii idilee Mana Maree Daldalaa fi woldaa sektera Oromiyaa kurmaana jalqabaa bara baajataa 2019, kan har’a ganama magaalaa Adamaatti jalqabne xumurree jirra.\nWalgahii idilee Boordii Daayirektaroota Mana Marichaa Adaamaatti gaggeeffame kana keessatti; Raawwii hojii Mana Marichaa kurmaana jalqabaa bara baajataa 2019 gamaaggamnee, bu'aa adeemsa kana keessatti argamee fi qormaata mudate gamaaggamnee, hojii gara fuula duraatiif qajeelfamaa fi hojimaata fooyya'iinsaa kaa'eera.\nItti aansuun xiyyeeffannoo keenya carraawwan invastimantii bal'aa naannicha keessatti argaman invastaroota biyya keessaa fi alaa bal'inaan beeksisuu, walitti dhufeenya Mana Maree Biyyaalessaa fi manneen maree hiriyaa biroo waliin qabnu cimsuu, waltajjiiwwan muuxannoo fi beekumsa waljijjiiruuf haala mijeessuu ta'uu akka qaban waliigalameera.\n\nDabalataanis; Muuxannoo idil-addunyaa irraa barachuun, tajaajilaa fi bu'uura dhaabbilee Mana Marichaa ammayyeessuun, tajaajila fedhii miseensotaa irratti hundaa'e fooyyessuu, hirmaannaa imaammata damee dhuunfaa cimsuu, mijannaa daldalaa fooyyessuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin haala qindoominaan hojjechuu, bulchiinsa fi tamsa'ina odeeffannoo daldalaa cimsuu, madda galii itti fufiinsa qabu babal'isuun itti fufiinsa dhaabbilee Mana Marichaa mirkaneessuu akka naannoo xiyyeeffannoo dabalataatti mari'atameera.\nKallattiiwwan ijoo hojii keenya gara fuula duraa armaan olitti kaa'ee fi irratti mari'adhe guddina damee dhuunfaa akka biyyaattis ta'e Oromiyaa keessatti saffisiisuuf, haala daldalaa fi invastimantii fooyyessuuf, guddina dinagdee waliigalaa naannichaaf gumaacha inni qabu cimsuuf akka gargaaran waliigaltee irra ga'ameera.\nWalgahiin kun dhimmoota barbaachisoo kanneenii fi kanneen biroo irratti marii ijaarsaa gaggeessee murteewwan dabarseera; akkasumas hojiirra oolmaa qabatamaa isaaf hunduu hafuura abbummaa fi dhaabbataa ta'een akka socho'u kallattii kaa'a.\nDhumarratti; Walgahii idilee Mana Maree Daldalaa fi Sektera Oromiyaa kurmaana tokkoffaa bara baajataa 2019 akka milkaa’uuf gumaacha gootan hundaaf maqaa mana maree keenyaa fi ofiin galata guddaa qaba.\nKabajamoo Sabsib Abafira Abajobir,\nPirezidaantii Mana Maree Daldalaa fi Waldaalee Sektaraa Itoophiyaa fi Oromiyaa
?2017 ?.? ??? ???




